We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Uumama 46

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Uumama 45 Uumama Uumama 47 →

1Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Waaqa abbaa isaa Waaqa Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse.

2Waaqnis halkan mulʼataan, “Yaaqoob! Yaaqoob!” jedhee Israaʼelitti dubbate.

3Waaqnis akkana jedhe; “Ani Waaqayyo, Waaqa abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii.

4Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yooseftu ija kee walitti siif qaba.”

5Yaaqoobis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaqoob, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaqoobin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan.

6Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan.

7Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane.

8Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaqoobii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha:

9Ilmaan Ruubeen:

10Ilmaan Simiʼoon:

11Ilmaan Lewwii:

12Ilmaan Yihuudaa:

13Ilmaan Yisaakor:

14Ilmaan Zebuuloon:

15Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaqoobiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan.

16Ilmaan Gaad:

17Ilmaan Aasheer:

18Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaqoobiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan.

19Ilmaan Raahel niitii Yaaqoob:

20Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yoosefiif dhalatan.

21Ilmaan Beniyaam:

22Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaqoobiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan.

23Ilmi Daan:

24Ilmaan Niftaalem:

25Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaqoobiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan.

26Namoonni Yaaqoob wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan.

27Ilmaan Gibxitti Yoosefiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaqoob warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan.

28Yaaqoobis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yoosefitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti,

29Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.

30Israaʼelis Yoosefiin, “Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu” jedhe.

31Yoosefis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; “Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru.

32Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’

33Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate,

34‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa.”

← Uumama 45 Uumama Uumama 47 →