1Abrahaamis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe.
2Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse.
3Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan.
4Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
5Abrahaam waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne.
6Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge.
7Abrahaam waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate.
8Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
9Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa awwaalan.
10Lafti qotiisaa sunis kan Abrahaam Heetota irraa bitatee dha; Abrahaamis achitti niitii isaa Saaraa biratti awwaalame.
11Erga Abrahaam duʼee booddee Waaqni ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate.
12Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana.
13Maqaan ilmaan Ishmaaʼeel kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana:
14Mishmaa, Duumaa, Maasaa,
15Hadaad, Teemaa, Yexuur,
16Jarri kunneen ilmaan Ishmaaʼeel; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti.
17Ishmaaʼeel waggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraate; innis hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
18Sanyiin isaa immoo daangaa Gibxi bira, karaa Asooritti geessu irra, lafa Hawiilaa jalqabee hamma Shuuriitti jiru irra jiraatan. Isaanis obboloota isaanii hundatti diina taʼanii jiraatan.
19Seenaan maatii Yisihaaq ilma Abrahaam kana.
20Yisihaaq yeroo Ribqaa fuudhetti nama waggaa afurtamaa ture; Ribqaan kunis intala Betuuʼeel namicha Arraam kan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii fi obboleettii Laabaa namicha Arraam sanaa ti.
21Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Waaqayyo isheef kadhate. Waaqayyos kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte.
22Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jette; kanaafuu Waaqayyo gaafachuu dhaqxe.
23Waaqayyo immoo akkana jedheen;
24Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
25Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan.
26Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.
27Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaqoob garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe.
28Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte.
29Gaaf tokko utuu Yaaqoob ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe.
30Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.
31Yaaqoob immoo deebisee, “Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa” jedhe.
32Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe.
33Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate.
34Ergasiis Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme.