1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2“Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha:
3Ammas dhumni kee gaʼeera;
4Ani gara laafinaan si hin ilaalu
5“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
6Dhumni dhufeera!
7Yaa warra biyyattii keessa jiraattan,
8Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira;
9Ani gara laafinaan si hin ilaalu
10“ ‘Guyyaan sun kunoo ti!
11Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera;
12Yeroon sun dhufeera;
13Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti
14“ ‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf
15Alaan goraadeetu jira;
16Baqattoonni warri miliqan
17Harki hundi ni naafata;
18Isaan wayyaa gaddaa uffatanii
19“ ‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu;
20Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii
21Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf,
22Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha;
23“ ‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan,
24Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif
25Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu;
26Badiin badii irratti,
27Mootiin ni booʼa;