1Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2“Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii.
3Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
4Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda
5bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi.
6“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:
7“ ‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii;
8Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee
9“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
10Qoraan irra tuuli;
11Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee
12Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe;
13“ ‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
14“ ‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
15Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
16“Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin.
17Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
18Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
19Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
20Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
21Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu.
22Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu.
23Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan.
24Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
25“Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti,
26gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima.
27Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”