We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Baʼuu 15

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Baʼuu 14 Baʼuu Baʼuu 16 →

1Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan:

2“Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

3Waaqayyo goota waraanaa ti;

4Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa

5Tuujubni isaan irra gara gale;

6Yaa Waaqayyo,

7“Ati guddina ulfina keetiitiin

8Hafuura funyaan keetiitiin

9Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba.

10Ati garuu bubbee kee itti bubbifte;

11Yaa Waaqayyo,

12“Ati harka kee mirgaa diriirfannaan,

13Ati saba furte sana,

14Saboonni dhagaʼanii hollatu;

15Hangafoonni Edoom ni rifatu;

16sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa.

17Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti,

18“Waaqayyo,

19Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.

20Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.

21Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte:

22Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.

23Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.

24Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.

25Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe.

26Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”

27Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.

← Baʼuu 14 Baʼuu Baʼuu 16 →