We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Izraa 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

Izraa Izraa 2 →

1Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:

2“Qiiros mootichi Faares akkana jedha:

3Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru.

4Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ”

5Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan.

6Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.

7Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase.

8Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.

9Miʼoonni sunis:

10waciitii warqee 30,

11Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 54,000 ture.

Izraa Izraa 2 →