We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Keessa Deebii 27

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Keessa Deebii 26 Keessa Deebii Keessa Deebii 28 →

1Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.

2Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.

3Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.

4Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.

5Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.

6Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.

7Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.

8Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”

9Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.

10Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”

11Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:

12Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.

13Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.

14Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:

15“Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.”

16“Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.”

17“Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.”

18“Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.”

19“Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.”

20“Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.”

21“Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.”

22“Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.”

23“Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.”

24“Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.”

25“Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.”

26“Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.”

← Keessa Deebii 26 Keessa Deebii Keessa Deebii 28 →