We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Weedduu 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Weedduu 4 Weedduu Weedduu 6 →

1Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera;

2Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera.

3Ani uffata koo of irraa baaseera;

4Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche;

5Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe;

6Ani michuu kootiif balbala nan bane;

7Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan.

8Yaa intallan Yerusaalem,

9Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu,

10Michuun koo diimaa cululuqaa dha;

11Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha;

12Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa

13Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti.

14Harki isaa ulee warqee

15Miilli isaa utubaa dhagaa adii

16Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha;

← Weedduu 4 Weedduu Weedduu 6 →