We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Maatewos 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Maatewos 19 Maatewos Maatewos 21 →

1“Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.

2Innis guyyaatti diinaarii20:2 Diinaariin mindaa guyyaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu ture. tokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.

3“Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.

4‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.

5Isaanis ni dhaqan.

6Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.

7“Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan.

8“Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.

9“Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.

10Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.

11Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.

12Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.

13“Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?

14Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.

15Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.

16“Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”

17Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen:

18“Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;

19akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”

20Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.

21Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen.

22Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen.

23Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.

24Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran.

25Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.

26Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;

27namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;

28Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”

29Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe.

30Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.

31Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

32Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.

33Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.

34Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.

← Maatewos 19 Maatewos Maatewos 21 →