1Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
2isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
3Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
4Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
5Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
6Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
7Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
8Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
9Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
10Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
11Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
12Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
13hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera”2:15 Hos 11:1 jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
14Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
15Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
16“Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko
17Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee,
18“Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
19Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
20Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
21achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.