1Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte.
2Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye:
3Saboonni hundinuus,
4Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
5cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii;
6Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa;
7Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana,
8Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis,
9“Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
10Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii,
11“Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
12Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi
13qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa.
14“Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu.
15Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas,
16sagalee guddaadhaan akkana jedhu:
17Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’
18Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu.
19Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu:
20“Yaa samii kufaatii isheetti gammadi!
21Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe:
22Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii,
23Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu.
24Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa,