1Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.
2Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.
3Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan:
4Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,
5Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.
6Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.
7Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne.
8Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.