We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Mulʼata 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Mulʼata 11 Mulʼata Mulʼata 13 →

1Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture.

2Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite.

3Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture.

4Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate.

5Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame.

6Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.

7Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii12:7 Miikaaʼelii – hangafoota ergamootaa keessaa isa tokko; innis Dan 10:21 irratti eegduu saba Israaʼel kan addaa jedhamee ibsame. Ergamoonni Miikaaʼeliis warra ajaja isa jala jiranii dha. fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan.

8Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.

9Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.

10Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:

11Isaanis dhiiga Hoolichaatiin,

12Kanaafuu yaa samiiwwan,

13Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe.

14Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname.

15Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase.

16Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte.

17Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.

← Mulʼata 11 Mulʼata Mulʼata 13 →