We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

3 Yohannis 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

3 Yohannis

1Jaarsicha irraa,

2Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.

3Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.

4Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.

5Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.

6Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.

7Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.

8Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.

9Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.

10Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.

11Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.

12Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.

13Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.

14Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna.

15Nagaan siif haa taʼu.

3 Yohannis