1Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
2Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
3Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate.
4Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate.
5Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
6Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
7Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
8“Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate.
9“Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
10“Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
11Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
12Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
13Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate.
14Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
15Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
16Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
17Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
18akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
19“Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera.
20“Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa;
21“Yaa tulluuwwan Gilboʼaa,
22“Dhiiga namoota dhumanii keessaa,
23Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti,
24“Yaa intallan Israaʼel,
25“Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu!
26Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera;
27“Namoonni jajjaboon akkamitti kufan!