We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

2 Mootota 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 2 Mootota 18 2 Mootota 2 Mootota 20 →

1Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.

2Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.

3Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.

4Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”

5Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,

6Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.

7Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ”

8Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.

9Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge;

10“Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.

11Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?

12Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?

13Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”

14Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.

15Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.

16Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.

17“Yaa Waaqayyo mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.

18Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.

19Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.”

20Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera.

21Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha:

22Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu?

23Ati karaa ergamoota keetiitiin

24Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee

25“ ‘Ati waan kana hin dhageenyee?

26Namoonni isaanii humna dhabanii

27“ ‘Ani garuu lafa ati jirtu,

28Waan ati akka malee natti aartee guggubattee

29“Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa:

30Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko

31Yerusaalem keessaa hambaan tokko,

32“Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha:

33Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa;

34Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee,

35Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!

36Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.

37Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

← 2 Mootota 18 2 Mootota 2 Mootota 20 →