We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

1 Seenaa 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 1 Seenaa 15 1 Seenaa 1 Seenaa 17 →

1Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.

2Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.

3Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.

4Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;

5isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;

6Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.

7Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:

8Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

9Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

10Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;

11Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;

12Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi

13isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan,

14Inni Waaqayyo Waaqa keenya;

15Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas

16inni kakuu Abrahaam wajjin gale,

17Kanas Yaaqoobiif seera,

18“Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee,

19Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,

20sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo

21Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;

22“Dibamtoota koo hin tuqinaa;

23Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa;

24Ulfina isaa saboota gidduutti,

25Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;

26Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;

27Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;

28Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa;

29Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa.

30Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa!

31Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;

32Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu;

33Mukkeen bosonaa haa faarfatan;

34Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

35Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo,

36Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif

37Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.

38Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.

39Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;

40kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.

41Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.

42Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.

43Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.

← 1 Seenaa 15 1 Seenaa 1 Seenaa 17 →